Dhibee Kintaarotii


Hawaasa keessatti dhibeen kintaarotii kallattii dogongora ta’een hubatamee jiraachuu isaa hubadheen jira.namootni dhibee kanaan yoo qabaman akka abaarsa yookin dheekkamsa waaqayyootti ilaalu.tokko tokko inumaa maqaa dhibee kanaa dhahuu kan sodaatanis ni jiru. namootni kuun immoo akka dhibee kaansariitti ilaalu.garuu dhugummaan isaa maalii? mee haa ilaallu.
=>dhibeen kintaarotii (haemorroids) maali? dhibeen kun dhibee naannoo qaama gadi taa’umsa( hudduu)(anus) kanaa irratti yookin keessan gadi bahu yoo ta’u innis kan dhufu ujummoolen dhiiga deebisan( dilatation of venous vessels of anal region ) yoo dirri isaanii diriirudhaan ujummoolen kun dhiigan guuttamaniidha.. kanaaf dhibeen kun kan uumame ujummooleen dhiiga deebisan(veins) dhiigan guttamanii dhiigni isaan keessaa achitti yoo walitti qabamuudha.
=>namni dhibee kana qabu malattoolee akkamii irratti mullata? dhibeen kun dhibee namoota umuriin isaanii 45-65 jidduu jiru irratti kan baay’atu dha. namni dhibee kana qabu wantoota armaan gadii of irratti arga.
-gadi teesuma (stool)(bobbaa) isaa irratti ykn waraqata ittin qulqulleefatu irratti dhiiga diimaa arguu. kuni mallattoo isa jalqabaati
-akka tureen immoo yeroo mana fincaanitti fayyadamu qaama gadtessuma isaa keessan wanti gadi bahu isatti dhagahama.(pile)
– qaamni gadi taa’umsaa baay’ee isa hoosisuu jalqaba(itching or pruritus)
-akka tureen immoo qaamni gadi bahu kun erga bobbaa isaa fixateen booda ofiin ol deebi’uu dhisee gaduma bahee hafuu jalqaba .amma dhiigni dhukkubbii qabu bahuu jalqaba.yeroo mana fincaanii fayyadamu baay’ee isa dhukkubuu jalqaba.
=>kintaarotiin gosa meeqatu jira? gosa lamatu jiru.inni tokko kintaarotii keessaa inni biroo immoo kintaarotii alaa jedhamuun beekkamu.kintaarotiin keessaa(internal haemorroid) kan jennu gara keessa qaama gad teessuma keenyatti kan uumamuudha. kintaarotiin alaa(external hemorroid) kan jennu immoo gara ala ykn gara qaama gadi teessuma gara gadi aanutti kan uumamuudha.
=>wantootni dhibee kintaarotiif nama saaxilan maali fa’a? dhibee kanaaf wantootni nama saaxilan baay’ee yoo ta’an muraasa isaanii mee haa ilaallu.
-goga garaa (constipation) isa yeroo dheeraa.
-furdina(obesity) keessattuu namoota garaa cooman.
-namoota dhibee tiruu qaban(liver disease and portal hypertension)
-alkoolii baayinaan dhuguu.
-ulfa(pregnancy)
-dhibee nama qofaasisu isa yeroo dheeraa( chronic cough)
-dhibee sukkaraa(diabetic mellitus) qabaachuu
-umuriidhan dullummaa fi fkk fa’a
=>dhibeen kun yaala qabaa? eeyyee. namni mallattoowwan armaan oliiti ibsame qabu yaallamuu ni danda’a. yaalli dursa qorichaa fi haala jireenyaa fooyyesuu yoo kanaan hin taane immoo opirashiniidhan dhibee sirraa’udha.nyaata muduraa fi kuduraa baayinaan akka nyaatu gorfama(waan goga garaa dhoowwaniif), bishaan hoo’adhaan qaama gadi teessuma isaa akka dhiqatu,waraqata akka hin fayyadamne,fi qorichotni akka bobbaa isaa laafisefii salphaatti bahuuf godhanii fi hoosisa akka dhiisu goadhan ni keennamaaf.yoo qaamni gadi bahee ofii isaatii ol hin deebine ta’e. fi dhiigni baay’ee ta’e opirashinin akka yaallamu ta’a.
=>kanaaf walumaa galatti dhibeen kintaarotii kaansarii miti, namarraa namatti hin darbu,namni kamiyyuu dhibamuu danda’a,abaarsa waaqayyoo miti, yaallamanii fayyuun ni danda’ama,keessattuu fuduraa fi muduraa( high fiber diet) nyaachun of irraa ittisuun ni danda’ama.dhiirris durbis dhibamuu ni danda’u.
–dhibeewwan mallattoo akanaa qaban kan biroos waan jiraniif qoratamanii gargar baafachuun gaaridha.
galatoomaa.

Leave a comment