Tag Archives: buna

Faayidaa buna dhuguun fayyaa keenyaaf qabu


Dhalli nama buna
dhuguu kan eegale jaarraa 15 ffaa dha as akka ta’e
ragaan mul’isa. Yeroo ammaa kana akka addunyati
bunni dhugaatiiwwan hedduminaan dhugaman keessa
tokko ta’uu ni beekkama.
Faayidawwan buna kun mee maal fa’a?
1.Dhukkuba sukkaara ittisuuf. Qorannoon heddu kan
mul’isu bunni dursee dhukkuba sukkaara (type-2
diabetes mellitus) nurra ittisuu akka danda’uudha.
Dhukkuba sukkaara yeroo amma akka addunyaati nama
miiliyoonni 300 oltu ittin rakkata. Namni buna dhugu
carraa dhukkuba kanaan qabamuu parsantii 23-50tiin
gadi buusa.
2. Carraa dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessatti
hir’isa. kara tokkoon dhukkubni onnee fi dhiiguun
sammuu keessattii(stroke) walqabataa waan
ta’eef;dhukkuba sukkaara yoo ittisu dhukkuba onnee fi
dhiiguu sammuu keessattis ittisa. karaa biratiin ammoo
waldhahuu rukkutaa onnee(heart rythm disturbance) kan
dhukkuba onneetii fi dhiiguu sammuu keessatiif sababa
ta’uu maluu nurra dhorka.
3.Dhukkuba narvii nurra ittisuuf. Buna dhuguun dulluma
keessa dhukkuboota narvii dhufu malan ittisa kunis :
Madaala qaama eegachuu dadhabuu,maasha
alee qaamaa garmalee kotoonfachuu,qaamaan
hoolachuu fi deemsaan qususu..kun waliigalatti”
parkinson’s disease” jedhama.
Dandeettii waa yaadachuu dhabuu ykn waa hunda
irranfachuu..”Dementia/Alzheimer’s disease “jedhama.
Dhukkubootni lameen kun keessumatuu namoota umriin
isaanii 65 ol ta’e irratti mul’atu. Dhukkuboota yaaluuf
rakkisaa ta’aniidha. Namooni buna dhugan carraan
dhukkuboota kanaan qabamuu ofirra ittisu.
4.Kaansarii ittisuuf. Qorannoon kan agarsiisu namootni
buna dhugan carraan kaansarii tiruutiin qabamuu
parsantii 40 gadi yoo busu,carraa kaansarii mari’imaanii
parsantii 15 niin gad buusa.
Bunaa fi nagaa hin dhabinaa!!